الأحد، 5 أغسطس 2018

Deebisaa pheenxotaaf

Abu Umar Al baalee:
HIIKKAA SUURAA #AL-AHQAAF BO.46 LAKK. 9
“قل ماكنت بدعا من الرسل وما أدري ما يفعل بي ولا بكم”
Lakk. 9 kana boqannicha kana irratti warroonni pheenxee qalbii wallaaltotaa ykn warroota hubannoo qur’aanaa irratti laafoodhaa ittiin heewaluuf carraaqqiin taasisaa jiran guddaadha!

Anis wallaluma isaanii kana hordofuun waan rabbi naaf ibseen isaaniif ibsuu fi nama gariif jechoota beektotaatiin hagooggii irraa mulquuf akka isaan beekkomsa irratti tahanii diin isaaniitiif tumsanitti itti qophaaheen dhufe!

Rabbiin hojii qeebalama qabdu haa godhu.!

Kiristaanonni yeroo aayata kanaan si mormuu fedhan gaafii si gaafatu! #Gaafichis ‘namni karaa nabiyyii Muhammad bue jireenya bara baraa ni argata jettee itti amantaa? Siin jedhu

Deebiin kees gama muslimaatii “eeeyyeen nan amana, inumaa karaa isaaniitiin malee jannataayyuu hin argattu!” jettaan!

Isaanis deebisanii kunoo ergamaan keessan waan ufii tahuu fi waan isin tahuu teessanis hin beeku jedhaa jiraa wal hin faallessuu ree? Kam keessaa fudhattu ree? Siin jedhan!

Kanaaf warra aayata kana akkaataa hiikkaa isaa hin beeyneef osoo nama hiikkaa qur’aanaa beekus taee shawwadutu mala! Sila kanaaf jecha akkaataa hiikkaa isaa faana haa buunuu isiin jedha.

HIIKKAA AAYATICHAA
9-“jedhi -yaa muhammd- ani haarawa miti ergamtoota irraa-(naduras ergamtootni dabraniiru)- Ani hin beeku waan anaa fi isinittis dalagamu, ani kanin jala deemu waan natti beeksisa godhame qofaadha…..”

Asitti wanti isaan akka gaafiitti deddeebisanii kaasan gaafima mushrikoonni guyyaa sana jedhaniidha” nama waan ufii tahu hin beeeyne akkamitti jala deemna”! Jedhu!!

Gaafiin isaan eeggatu warroota wanta akkasiitiin adeemu; waan anaa fi isinitti dalagamu hin beeku yeroo jedhu ajaja rabbiitiin dubbachaa jira mo ufiif jechaa jira?! Jechuudha.
_eessatti ammoo kan inni hin beeyne waan isaafii ummatatti tahuuf deemu? Addunyaa kana irratti mo? Guyyaa boodaati?

Qabxiiwwan kun deebii isaan biraa argachuu qaba ture,! isaan waan afaan oromootiin hiikkaa dubbisaniif qofa deebii akka isaan irraa hin arganne atuu beeyta!

Egaa hiikkaa jecha kanaa baruuf gadi fageenyaan gama ibsa beektotaa deebiuutu nurraa eegama, mee tafsiirota beektotaa haa ilaallu akka gadi aanu kanaan.

قال الحسن: ما أدري ما يفعل بي ولا بكم (في الدنيا، أما في الآخرة فمعاذ الله! قد علم أنه في الجنة حين أخذ ميثاقه في الرسل،

#Hasan al basriin jedhe-hiikkaa aayata kanaa irratti-“waan anaa fi isinittis dalagamu hin beeku” jechuun isaa duniyaa keessatti, Ammoo guyyaa boodaati jechuu irraa #rabbitti baqanna! Beekameera waan taeef gaafa wa’adaa jabduu ergamtoota irraa fuudhe sana akka inni jannata keessatti tau! (Wa’adaan jabduun bakki itti dubbatamte Al-ahzaab lakk.7 Bo.33 irratti) #beekaan rabbi.

ولكن قال) ما أدري ما يفعل بي في الدنيا أأخرج كما أخرجت الأنبياء قبلي،
Haatauu hin jedhe; waan duniyaa keessatti natti dalagamu hin beeku, biyya koo irraa nan baafama moo, akkuma anbiyoonni naduraa biyya irraa baafamanitti,

أو أقتل كما قُتلت الأنبياء قبلي؛
mo nan ajjeefama akka anbiyoonni na duraa ajjeefamanitti,

ولا أدري ما يفعل بكم؛ أأمّتي المصدّقة أم المكذّبة، أم أمتي المرمية بالحجارة من السماء قَذْفاً، أو مخسوفٌ بها خَسْفاً؛
isinis waan isin taatan isin hin beeku fuula duratti, ummata na dhugaoomsitan taatan mo tan na kijibsiiftu taatanii, isin akka ummata dabree dhakaadhaan samii irraa darbamtanii fi mo dachitu isiniin citaa hin beeku.

ثم نزلت:
{ هُوَ ٱلَّذِيۤ أَرْسَلَ رَسُولَهُ بِٱلْهُدَىٰ وَدِينِ ٱلْحَقِّ لِيُظْهِرَهُ عَلَى ٱلدِّينِ كُلِّهِ }
[الصف: 9]. يقول: سيظهر دينه على الأديان
Sana booda aayatni suuraan #Al-saffi Bo.61 lakk. 9 buute, diin isaa akka Diin/amantaa hunda hinjifachuuf deemu tan himtu.

ثم قال في أمته:
{ وَمَا كَانَ ٱللَّهُ لِيُعَذِّبَهُمْ وَأَنتَ فِيهِمْ }
Waaee ummata isaa keessatti immoo; “rabbiin kan isaan qixaaxuu miti kan ati isaan keessa jirtu, ammas kan isaan qixaaxuu miti kan isaan araarama/dhiifama narra barbaadan” jedhee jecha Rabbi isaaniif hime

جامع البيان للطبري
Kan jecha kana nuuf gabaase #ibnu #jariir #Axxabariidha, kitaaba isaa #jaamiul #bayaan kan jedhamu keessati.

https://t.me/joinchat/GR4nyFMWzyDvEFg5HAN2DQ

هناك تعليقان (2):

  1. LuckyClub Casino Site - Live Blackjack, Roulette, Baccarat
    LuckyClub Casino is luckyclub a fully integrated online casino, offering blackjack, roulette, baccarat, and other games for real money in a safe and safe,

    ردحذف
  2. The 12 best casinos in New Jersey - MapyRO
    1. 777 Casino Hotel · 2. 777 Casino Hotel 공주 출장샵 Atlantic City · 3. 777 Casino Hotel Atlantic City · 4. 777 김해 출장안마 Casino Hotel 여주 출장샵 Atlantic 여수 출장안마 City · 5. 강원도 출장마사지 777 Casino Hotel Atlantic City

    ردحذف